Sa'udi Arabiyaan Iraan doonii ishee haleeluun himatte

Sa'udi Arabiyaan doonii boba’aa biyyattiin qabdu, kan ulaa Hormuz keessa darbu irratti Iraan haleellaa raawwatte jechuun himatte. Haleellaa kanaanis hojjattootni doonii lama lammii Filippiinsi ta'an du’aniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Maartineeliin Arseenaal gadhiisee Al Hilaal seene

    Gabreel Maartineelii

    Madda suuraa, Getty

    Taphataan lammii Biraazil turtii waggoota torba booda Arsenaal gadhiisee gara Liigii Sa'udi Arabiyaa imale.

    Achittis kilabii Al Hilaal paawundii miiliyoona 60'n seenuuf waliigaleera.

    Maartineeliin waliigalteen inni Arsenaal waliin qabu jiini 12 ni hafa.

    Garuu, leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan karoora isaa keessa isa akka hin hammanne itti himeera.

    ''Al Hilaal seenuu kiyyaan gammachuun qaba'' jedhe Maartineeliin.

    Yeroo ammaa gabatee liigii Sa'udi kilabiin Ronaaldoon keessa jiru Al Naasir fi Al Hilaal qabxii 12'n dursaa jiru.

  2. Keeniyaan lammiileen biyya alaa achi jiraachuun biizinasii xixiqqaa hojjatan akka cufan ajajje

    Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo

    Madda suuraa, State House Kenya

    Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo lammiileen biyya alaa Keeniyaa keessatti daldala xixiqqaarratti bobba'an akka cufan ajaja dabarsaniiru.

    Sababni isaan dhiyeessan ammoo hojiiwwan daldalli xixiqqaan lammiilee Keeniyaaf ta'uu malu lammiilee biyya alaan irraa fudhatamaa jira kan jedhudha.

    Keeniyaan murtee kana kan dabarsite baqattoonni biyyoota Afrikaa garaa garaa irraa dhufan hirmaannan isaan diinagdee al-idilee keessatti taasisan dabalaa dhufuurraa kan ka'e lammiilee biyyattii biratti falmii yeroo kaasaa jiruttiidha.

    "Torbee dhufurraa kaasee daldaltoonni [biyya alaa] hundi biizinasii xixiqqaa hojjatan cufuu qabu," jedhan Pirezidaant Ruutoon yeroo daldalaatota Keeniyaa waliin marii taasisan.

    Keniyaan investimentii biyya alaa simachuuf qophii ta'uu kan himan Pirezidaant Ruutoon, lammiileen biyya alaa hojii biizinasii xixiqqaaa lammiilee Keeniyaa jalaa saamuu akka hin qabne dubbatan.

    "Biizinasii xixiqqaa banuu kan qabu nama biyya Chaayinaa ykn bakka biraa irraa dhufe ta'uu hin qabu," jechuun seera lammiileen biyya alaa biizinasii xixiqqaa Keeniyaa keessatti akka hin hojjanne dhorku wixineensaa qophaa'uus himan.

    Lammiileen biyya alaa Keeniyaa keessa jiraatan meeqa biizinasii xixiqqaarratti akka bobba'an ykn tarkaanfii mootummaan amma fudhate kanaan miidhaman hin beekamu.

    Itoophiyaafi Ertiraa irraa dabalatee baqattoonni heddu Keeniyaa keessa qubatanii jiru. Hojiiwwan daldalaa irratti kanneen bobba'anis hedduudha.

    Ragaan mootummaa Keeniyaa akka agarsiisutti, baqattoota 857,000 ta'antu galmaa'ee Keeniyaa keessa jiraata. Isaan keessaa %14 kan ta'an magaalota biyyattii keessa jiraatu.

  3. Sa'ud Arabiyaan Iraan doonii ishee haleeluun himatte

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Sa'ud Arabiyaan doonii boba’aa biyyattiin qabdu, kan ulaa Hormuz keessa darbu irratti Iraan haleellaa raawwatte jechuun himatte. Haleellaa kanaanis hojjattootni doonii lama lammii Filippiinsi ta'an lama du’aniiru.

    Dhaabbanni doonii mootummaa Saawudii akka jedhetti dooniin kun ulaa Hormuuz keessatti Omaan irraa gara kaabaatti meeshaalee waraanaatiin rukutame. Dooniin biraa kan Kooriyaa Kibbaaa taates yeroo wal fakkaatutti naannoo sanatt haleelamuutu gabaafame.

    Iraan garuu himannaa Saawudii kana irratti hanga ammaatti deebii hin kennine.

    Gareen waraanaa Iraan, dooniwwaan boba'aa lama karaa galaanaa Iraan hin hayyamnee keessa darbuu yaalanii fanjii galaana keessa awwaalameen rukutamuun ibiddi itti qabatee jedhe.

    Iraan dooniwwaan sunneen karaa Ameerikaan akka ittiin darban jajjabeessite keessa darbuuf yaalanii jechuun himatte.

    Haleellaan kun kan raawwatame erga Ameerikaan Iraan irratti haleellaa qilleensaa haaraa raawwatee fi Iraan immoo buufatawwan waraanaa Ameerikaa biyyoota Arabaa ollaa jiran irratti misaa’elaa fi dirooniin haaloo baate booda.

    Ministeerri Fayyaa Iraan akka jedhetti, haleellaa Ameerikaa haaraa kanaan namoonni 18 du’anii, 108 madaa’aniiru. Iraan haleellaa magaalaa Siirik keessatti sirna cidha irratti raawwatameen namoota shan,daa’imman lama dabalaytee du’uu isaa ilaalchisee Ameerikaa “yakka waraanaa” raawwatte jechuun himatte.

    Akka Ameerikaan jettutti, boba’aa barmeelli miliyoona 17 ta’an Wiixata keessa karaa ulaa Hormuuz geejjibamsiifamaniiru. Kunis erga waraanni Ameerikaa fi Iraan jalqabee lakkoofsa guyyaa tokko keessatti galmaa’e keessaa isa olaanaa ta’uu Ministeerri humnaa waraanaa Ameerikaa ibse.

  4. UN Iraan fi Ameerikaa gidduutti walitti dhukaasuun hammaataa dhufuun na yaaddesse jedhe

    Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteereez

    Madda suuraa, Getty Images

    Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteereez walitti dhukaasuun Iraan fi Ameerikaa gidduutti akka haaraatti deebiyee ka'e "daran isa yaaddessuu" dubbi-himaan Dhaabbatichaa dubbate.

    Dubbi-himaan UN Istifaanii Dujaayik "walitti dhukaasni halkan darbe Ameerikaa fi Iraan gidduu ture baayyee akka isa yaaddesse barreessaan olaanaa dubbateera," jedhe.

    Keessumaa ammoo ajjeechaan lammile enagaa fi haleellaan cidharratti raawwatame hedduu isa yaaddessuu barreessaan olaanaa kun ibseera.

    Antooniyoo Guteereez, "ajjeechaan namoota nagaarratti raawwatamu fudhatama hin qabu," jechuu isaa dubbi-himaan Dhaabbatichaa himeera.

    Barreessaan olaanaa kun, "qaamoleen hunduu of eeggannoo guddaa akka taasisan, itti gaafatamummaa seera mirgoota namoomaa idil-addunyaa jiru ba'achuu akka qaban, akkasumas gocha walitti bu'iinsa hammeessanirraa akka of qusatan," hubachiiseera.

    Dubbi-himaan Dhaabbatichaa akka ibsetti Guteereez, "gaaga'ama kanaaf humni waraanaa fala fiduu akka hin dadneenye" amanu.

    "Karaan tokkichi jiru dippilomaasii qofaadha. Qaamoleen hunduu gara mariitti deebiyuu qabu," jechuun hubachiiseera.

  5. 'Duulli amma Iraan irratti gaggeeffamu yeroo dheeraaf hin turu'-Tiraamp

    Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp, duulli haaraan Ameerikaan Iraan irratti jalqabde kun yeroo dheeraaf akka hin turre dubbatan.

    Ameerikaan yeroo barbaaddetti haleellaa biraa Iraan irratti banuuf qophii ta’uus ibsan.

    Kun kan dhaga'ame Ameerikaa fi Iraan gidduutti erga baatii Adoolessa keessa haleellaan dhaabbatee booda waraanni cimaa irra deebiin uumamee booda.

    Tiraamp Waajjira Pirezidaantii Ameerikaa keessatti miidiyaaleef ibsa kennaniin, Iraan misaa'ela fanjii galaana keessa kaa’uuf gargaaru ijaaraa turte. Ameerikaan garuu amma meeshaa kana barbadeessiteerti jedhan.

    Tiraamp akkasumas Iraan sirna raadaarii fi misaa’elaa ishee deebitee hojiirra oolchuuf hojjechaa turte jedhu. Ameerikaan meeshalee waraanaa kana irratti xiyyeeffachuun haleeluu himan.

    “Meeshaalee haaraa isaan naannoo Ulaa Hormuzitti ijaaruuf yaalan hunda barbadeessineerra. Isaan keessaa muraasni ittisaa, kanneen biroon immoo haleellaa raawwachuuf kan gargaaran turan,” jechuun Tiraamp kan dubbatan.

    Itti dabaluunis haleellaa Ameerikaan raawwatte baay’ee cimaa akka ture fi Ameerikaan yeroo barbaaddetti haleellaa biraa raawwachuuf qophii ta’uu dubbate.

    Haata'uu malee, duulli waraanaa haaraan Iraan irratti taasifamaa jiru kun yeroo dheeraaf akka itti hin fufne ibsan.

  6. 'Muddama haaraa' Jarmanitti uumameen EU fi NATOn Raashiyaarratti dhiibbaa cimsuuf dhaadatan

    Hoggantoota EU fi NATO

    Madda suuraa, Reuters

    Dursitoonni NATO fi Komishinii Awurooppaa gocha akka feeteen Raashiyaan raawwachuu cimsitee itti fufte akka dhaabdu akeekkachiisuun, taatee haaraa baratamaa dhufe” kanaaf deebii akka kennan dhaadatan.

    "Taateen [Jarman] Leeppizhing keessatti mudate muddama haaraa kallattiin dachee Gamtaa Awurooppaa keessatti Raashiyaan raawwatedha," jette Pirezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursulaa Von der Leyen. Aanga'aan kun kana kan jette Jarman haleellaa diroonii buufata xiyyaaraa Leeppizhiing, Jarmanitti yaalameef Raashiyaatti quba qabuusheetiin guyyaa tokkoon boodadha.

    Barreessaan olaanaa NATO Maark Ruuttee akka jedhetti, gamtaan isaanii US of keessatti hammatu kun "guutummaatti Jarman waliin" ni dhaabbata.

    Jarman haleellaa diroonii ji'a darbe buufata xiyyaaraa Leeppizhiing kan baha biyyattiitti argamutti raawwatameef Raashiyaan akka itti gaafatamtu ibsuun, qoontsilaa Mooskoo biyyattii keessatti argamu cufuuf akka jirtu beeksiftee turte.

    Dhuma baatii Adoolessaa keessa buufata xiyyaaraa leeppizhiingitti xiyyaarota fe'umsaa Yukireen cinaatti dirooniin fanjii qabattee turte argamtee ture.

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin garuu Jarman yaalii haleellaa buufata xiyyaaraa Leeppizhiingirratti raawwatameef Mooskoo itti gaafatamtuu gochuudhaaf ragaa uummacha ajirtu jechuun himateera.

    Embaasiin Raashiyaa barliin keessatti argamu gamasaatiin Raashiyaan itti gaafatamtuudha himannaa jedhu "akkasumaanidha" jechuun kufa ataasiseera.

  7. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora oduu kallattiin isin biraan geenyu har'aa jalqabneerra.

    Odeessaalee biyya keessaa fi guutummaa addunyaarraa amma ta'aa jiru isin biraan geenya.

    'Muddama haaraa' Jarmanitti uumameen EU fi NATOn Raashiyaarratti dhiibbaa cimsuuf dhaadachuu,

    Dhiirota michuu gaa'elaa osoo barbaadanii saamtota harkatti kufan ilaalchisee, kannene jedhaniifi odeessaalee kaan karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu. DHIYAADHAA!